(Madda Oduu ABO/MOA/Bito, 19,2009) Itoophiyaatti ambaasaaddara Ameerikaa tahuun si’a 2 kan hojjetanii fi wayta ammaa kana Ameerikaa Yunvarsitii Joorj Waashiingtanitti barsiisaa kan tahan Profeesar Deeviid Shiin, wayyaaneen ummata Oromoo irratti galmee dhiittaa mirgootaa bal’aa qabaachuu ibsan. Profeesar Deeviid Shiin kana kan dubbatan, barruu qorannoo Bitootessa 12 bara 2009 eegala walgahii mana maree koree gadii Ameerikaa irratti dhiyeessaniini.
Hayyuun siyaasaa Ameerikaa kun barruu qorannoo hariiroo bulchiinsi Prezdaant Baaraak Obaamaa biyyoota naannawa Gaanfa Afrikaa jiran waliin qabaachuu male ilaalchisanii dhiyeessan kanaan, Itoophiyaan naannichatti waahila cimtuu Ameerikaa tahuu ishii odoo hin ibsin bira hin dabarre.
Haa tahu malee jedhan Prof. Deeviid Shiin, mootummaan Mallas Zeenaawii ammaan tana aangoorra jiru, maqaa duula farra shororkeessitummaatin waahila Ameerikaa cimaa tahuu isaa ibsus, sirnichi dhiittaa mirgootaa Ameerikaa haalaan yaaddessu raawwataa jiraatuun isaa beekkamu qaba jedhaniiru.
Erga sirni Mallas bara 1991 gara aangootti dhufee kaasee, lammiilee Oromoo ABO waliin hidhata qabdu jedhaman irratti hiraara suukkaneessaa bifa adda addaa akka irratti raawwatu fakkeenya tuquudhaan ibsaniiru. Sirnichi lammiilee Oromoo bifa kanaan hidhe hedduu keessaa kanneen muraasa tahan gadi lakkisus, ilmaan Oromoo lakkoofsi isaanii guddaa tahe bifa haaraan hidhaatti guuruu itti fufuu wayyaanee saaxilan Profeesarichi.
Dabaluun wayyaaneen ukkaamsaa mirga Pireesii, sochii dhaabbilee gargaarsaa kan mootumma hin tahinii fi jaarmayoota namoomaa ugguruuf seera ukkaamsaa hojii irra oolchuu isaa hubachiisan. Filannoon wayyaanee kan bara 2005 keessa gaggeeffame iftoomina kan hin qabne, walabaa fi dimokraatawa akka hin taanes ibsaniiru hayyuun kun.
Itti fufuunis filannoon Onaa fi gandaa bara 2008 keessa gaggeeffame dogoggoroota jiran sirreefachuu qaba jedhamee abdatamus, inumayyuu abdii dimokraasii biyyattii kan dukkaneesse tahee ture jedhan. Haala amma mul’ataa jiruun, filannoon bara 2010 ni gaggeeffama jedhamus faarri isaa gaarii akka hin taane hubachiisan.
Waan taheefis, imaammanni Ameerikaan Itoophiyaa ilaalchistee hordofuu qabdu, dimokraasii fi mirgoota namoomaa sirriitti kabajchiisuu haala dandahamu irratti kan hundaahe tahuu akka qabu Profeesar Deeviid Shiin xumura barruu qorannoo isaanii kana irratti jala sararaniiru.
*******
Kubbaaniyyaan East Afrikaan Bootiliing Omisha Kookaakollaa dhaabuun isaa gabaafame, carraan jireenyaa hojjattoota Kubbaniyyichaa 150,000 balaa irra jira jedhame.
(Madda Oduu ABO/MOA/Bito, 19,2009) MOA Finfinnee akka gabaasetti Kubbaaniyaa East Afrikan Bottiliingiin kan sochoofamu warshaan kookaakollaa Bitootessa 12, bara 2009 irraa kaasee omisha isaa addaan kuteera.
Omishni kun addaan cituuf sababaan inni duraa, meeshalee dheedhii omishaaf barbaachisan gara biyya keessaa galchuuf hanqinni sharafa alaa waan mudateef jedhameera.
Warshichi hojii isaa guutummaan guutuutti dhaabuudhaan wal qabatee hojjattoonni warshaa kanaa 150,000 ta’an hireen jireenya isaanii balaa irra akka jiru gabaafameera.
Warshaan Kookaakollaa kun hojii isaa guutummaan guutuutti addaan kutuun duras omishini isaa gabaa irraa dhabamuu kan hubachiisan maddeen Finfinnee, yoo argamellee gatiin isaa dachaan dabalee qaruuraan tokkichi qarshii 5tti guruguramaa akka ture ifa godhaniiru.
Hanqina sharafa alaa irra kan ka’e Afrikaa keessatti warshaan dhugaatii lallaafaa hojii yoo dhaabu kan Itoophiyaa kun isa duraa ti jechuun maddeen hubachiisaniiru.
Mataan sirna Wayyaanee Mallas Zeenaawwii dinagdeen keenya dachaadhaan guddataa jira jedhee wayita kijibaa jiru kanatti biyyattiin qaalomina jireenyaa fi kufaatii dinagdee hammaataadhaan rukutamaa akka jirtu beekamaadha.